Announcements - New Vision College
Latest News & Updates
GALMEE MADAALLII MGO/COC
GALMEE MADAALLII MGO/COC
Priority: 5Beeksisa Leenjifamtoota Madaallii Gahumsa Ogummaa (COC) Fudhataniif.
.
Kolleejjiin Niwuu Viizyiini (New Vision College), akkuma kanaan dura tajaajila qulqulluun beekamaa ture, yeroo ammaa kanas Leenjifamtoota madaallii gahumsa ogummaa (MGO/COC) fudhachuu barbaadan hundaaf carraa addaa uumee jira. Kolleejjichi dhaabbata madaallii dandeettii ta’ee hojjechuudhaan ragaa gahumsaa dandeettii qabatamaa irratti hundaa'e kennuuf beekamtii guutuu qaba.
Tajaajila Keenya kan adda Nutaasisu
Madaallii keenya irratti hirmaachuun bu’aawwan armaan gadii isiniif argamsiisa:
1. Sagantaa Mijataa: Namoota hojii ykn barumsa birootiin dhiphataniif jecha, madaallii keenya guyyoota boqonnaa (Sanbata fi Dilbata) giddu-galeessa godhachuun qindeessineerra.
2. Yeroo Gabaabaa Gidduutti: Madaalliin keenya torban lama lamaan waan gaggeeffamuuf, osoo yeroo keessan hin gubni dandeettii keessan madaalchisuu dandeessu.
3. Mummee Hundaaf: Dameewwan barnootaa (Departments) adda addaa irratti galmooftanii dandeettii keessan madaalchisuuf carraa guutuu qabdu.
4. Muuxannoo fi Amanamummaa: Kolleejjiin keenya madaallii kanaan muuxannoo gahaa kan qabu yoo ta'u, kolleejjiiwwan biroo baay'een barattoota isaanii gara keenyatti erguun madaalchisuun isaanii ragaa amanamummaa keenyaati.
Haala Galmee fi Giddu-galeessa Madaallii
Leenjifamtoonni kolleejjiiwwan adda addaa irraa eebbifamtan, madaallii kanaan dura fudhattanii hin milkoofne ykn amma eebbifamtanii qophaa'aa jirtan hundi tajaajila keenya kanaan akka fayyadamtan isin affeerra.
Odeeffannoo Galmee Iddoo fi Haala Madaallii
Iddoo Galmee Kolleejjii Niwuu Viizyiini (Galaan Gudaa)
Guyyoota Madaallii Sanbata fi Dilbata (Torban lamaan)
Ulaagaa Ragaa xumura leenjii (Temporary Certificate) qabaachuu
Filannoo Barnoota itti leenjifamtan hundaaf
Maaliif Kolleejjii Niwuu Viizyiini Filattu?
1. Meeshaalee Guutuu: Iddoon madaallii keenya meeshaalee teeknoolojii ammayyaa fi labraatooriiwwan madaallii dandeettiif barbaachisan hunda kan guuttateedha.
2. Bakka Mijataa: Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa keessatti bakka geejjibaaf mijataa ta'e irratti argama.
Dhaamsa Keenya: Barachuu qofaan gahumsa hin ta’u; gahumsa keessan ragaa qabatamaa COC kanaan mirkaneeffachuun karra carraa hojii keessan bal’isaa. Kolleejjiin Niwuu Viizyiin filannoo keessan isa duraa haa ta’u!
Gorsa dabalataa ykn haala galmee irratti gaaffii qabdu yoo jiraate, isiniif ibsuu danda'uuf gara waajjira keenyaa koottaa ykn bilbila keenyaan nu qunnamaa.
.
Kolleejjii Niwuu Viizyiini, Damee Galaan Guddaa (Alamganaa)>
.
Fuula Midiiya Hawaasa keenyas Dawwaadha. fi Odeeffannoo Dabalataaf:-
.
📞 Bilbila:
+251 952 000 333 /
+251 113 803 888 /
+251 113 803 999 /
+251 913 327 602 /
+251 952 000 444
.
🌐 Marsariitii: www.nvc.edu.et
.
📧 Imeelii: info@nvc.edu.et
.
📘 Facebook: https://www.facebook.com/profile.php?id=100090870406248
.
📲 Telegram: https://t.me/NVCMainChannel215EC
.
#Whatsapp NVC:https://chat.whatsapp.com/KBVQFM635uz2zzg6DpOZvf
.
📍 Teessoo: Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Galaa Guddaa (Alemgana), naannoo Alem Hotel / fuuldura New Vision Academy.
Kolleejjii Niwuu Viiyziini
.
NVC_College of Innovation and Excellence!